in the future - u will be able to do some more stuff here,,,!! like pat catgirl- i mean um yeah... for now u can only see others's posts :c
Guddinni Bilchina Sammuuti malee Guddina Umriitiimi.
Namoonni tokko tokko beekkumsi isaanii umrii isaaniiti
gadi,gariin ammoo beekkumsii fi haalli hubannaa isaanii umrii
isaaniiti oli. kanaafuu Umrii teetii gad hin jiraatinii, umrii teeti ol
jiraachuun Nama Addunyaan itti haajamtu tahiin dhaamsa koo
Kan galgala kanaati.
309 - 5
Bakkaan barbaadu gahu baadhuus,bakka kaleessaa hin jiru,Yaa Rabbi kuni hayyama keetiini malee Cimina kootiiniimi Galannii siif haa tahu
Yaa Rabbi Imala koo Kan naaf hafu keessattiis,Ilma Namaa miidhuu,haqa dabsuu,Cubbuu hojjachuufi,Wantuma hammeenya tahe hundarraa na tiiksuun,Daanduma dhugaatiin bakkaan gahuu hawwuun nagahi,imala mullata koo bira gahuuf taasisu keessatti,fedhii dhunfaatiin daandiin akka naan hin sirgigaanne na tiiksi.Sababa koo ilmi namaa akka miidhamne,Gadda Ilma Namaatiif sababa naggodhiin,gammachuu ilma namaatiif nama sababa tahurraa nataasisi.
Yaa Rabbii koo!
Nama yoo balleesse dhiifama gaafatu,Nama yoo dogonggore irraa baratu,Nama yoo gorsan dhaggeeffatu,Nama ilma Namaatirraa hin boonne,Nama guddaa fi xiqqaas kabaju,Nama Hiriyaa Haadhaafi Abbaa isaatiin Abaaramuumi,Nama hiriyaa Haadhaafi Abbaa isaatiin eebbifamu,Nama Ummataafii Biyyaafiis tahurraa nataasisi.Alahamdulillaa!
272 - 4
Gurraacha Gurra Lootii Abbaan Biyyaa Nutii
4kilo Nuun Malti
Warra Bole Jachuun Nutii
Ugga Akkana Jannu Mata Ol Qabanneeti
Sababni isaas Waan Oromo Taaneefii
226 - 1
Ogeessaa Seeraa,Barsiisaa Yuunivarsitii Odaa Bultumii fi Barreessaa kitaabaa Kabajamoo Obbo Anwar Ahmed Dhiheenya kana Kitaaba "Qaroomina Islaamaafi Muslimootaa"jedhu Barreessuun Eebbisee Hawaasa isaa biraan gahuun nibeekkama.
eega Dhihana Sammuu bu'aafi bahii guddaa booda kitaabaa Baruumsa Amantaafi Saayinsii adda baasee barsiisu dhaloonni ammaa akka daandirraa hin shirgigaanneef Dhihana nuuf dhaleessee jiru kana Nutiis dirqama keenya bahachuun kitaaba kana bitannee dubbisuun ofiifiis Baruumsa gonfannee,Obbaleessa keenya kabajamaa yeroo garaagaratti kitaaba jireenya dhala namaa utuban nuuf barreessaa jiru kana haa jajjeebeessinuu jenna.
Obbaleessa koo Hayyuu Namaa Kabajamoo Anwar Ahmad baga Milkoofte!baga hojii itti laffaa'aa turte xumuruun hawaasa kee biraan geesse Ulfaadhu!Ameessi Beekkumsa keetii hin gu'iniin siin jedha.
205 - 1
Baga nagayan gara chanaala kiyya dhuftan achumanu subscribe godhuu hin dagatinaa 👋