Channel Avatar

CIROO TUBE @UC5Mybz_mAqgfTYzmG0vi-Sg@youtube.com

4.9K subscribers - no pronouns :c

CIROO TUBE Subscribe ,share ,like and comment Ciroo tube


Welcoem to posts!!

in the future - u will be able to do some more stuff here,,,!! like pat catgirl- i mean um yeah... for now u can only see others's posts :c

CIROO TUBE
Posted 4 days ago

Irreechi Faajjii Tokkummaafi Obbolummaati!#irreechaa2024 #Irreecha #cirootube #viralvideo #viralvideo

6 - 0

CIROO TUBE
Posted 5 days ago

Irreecha Hora Finfinnee
#irreechaa2024
‪@cirootube1391‬

14 - 0

CIROO TUBE
Posted 5 days ago

Irreecha Hora Finfinnee
#irreechaa2024

16 - 0

CIROO TUBE
Posted 1 week ago

Waamichaa Deggarsa Lamummaa Maatii Daa'imni isaanii Maallaqqa xiqqaa gaafataman dhabuun Ija isaanii duratti dhalti isaanii waggaa 3 halakanii guyyaa jireenya dadhabdee gaaga'ama hamaa keessa jirtuutu Natti iyyee aniis gama keessan iyye Qomoo koo!

Uuf! Rakkoon Ilma namaa tun heddummaattuus,garuu walirra ulfaatti.Daa'imni Suuraa irratti agartan tun Guyyuma keessa kufteeti Lafeen Duugda ishee cabuun Waggaa 2'maa ol osoo akka namatti ol godhattee hin deemin,Osoo akkuma Daa'ima xaba hawwitu kan birutti hin xabatiin Afraniin Deemaa jirti.

Daa'imni tun Aswaan Mohammed Ahmed jedhamti.Abbaan Daa'ima kanaa Godina H/Lixaa Aanaa Doobbatti Barsiisummaan waggoota dheeraaf hawaasa Tajaajilaa kan tureedha.Daa'imni tun kuftee yeroo akkana taatu yeroo dheeraaf dhibeen ishee hin beekkamne ture,erga gama koo dhufanii"Obsaa Daa'imni teenya waggaa 2 ol hin godhanne Duugdaa cittii jirti,bakka hunda geessine Rifer Gara Xuqur-Anbassaa nuun jedhani,Maaloo nugargaari "Naan je'an aniis Jalqaba dhaqeen qaamaan laale,yeroon Daa'ima kichuu tana Haala isheen keessa jirtu arku imimmaaniin qabachuu dadhabe.

Murteen Ani maatii tanaaf laadhe,akkuma taatan tahaati,Liqeeffattaniis Daa'ima tana xuqur-Anbassaa geessaa Dhibee isheetiif Yaala barbaachisu adda baasa,Dabalataaniis Maallaqa meeqa akka barbaachisu haa isiniif himanii San booda hawaasa biraan geenya jedheeni ture,akkuma San isaaniis maallaqa liqeeffachuun Xuqur Anbassaa geessanii kunoo Guyyaa Lama Dura Xuqur-Anbbassaaniis Alart Hosphitaal ergee,Yaala Daa'ima tanaatiif Qr.200,000(Kuma dhibba lama)gaafatan.

Maaloo Maallaqni kun Jireenya Barsiisaatiif ulfaataadha.tahuus garuu nuti yoo walitti dirmanne waan guyyaa 2'tti walitti qabnu.

Yaa Ilma namaa kan Muslimaa,kan kiristaanaa Nama tahuu keenya qofaan yoo waliif dirmanne namni nubiratti hin miidhamu,Daa'ima ol godhachuu dadhabdee Afraniin deemtu tana Maallaqa gaafataman walitti baafnee maatii tana haa hafuura fudhachiifnu.

Maddi Oddeeffannoo keenyaa

Ambaasaaddar Obsa Bayaani

Accountii Abbaa Daa'ima MOHAMMED AHMED CBE 1000130791674

14 - 0

CIROO TUBE
Posted 2 weeks ago

Shannan Dhugoo( Masalaa) Harargee Lixaatti
@cirootube1391 #visit

16 - 2

CIROO TUBE
Posted 1 month ago

#Picture of the year
#picturechallenge.

Riiqichaa rara'aa Harargee Lixaatti

10 - 0

CIROO TUBE
Posted 1 month ago

Baga Bara Haaraa 2017 Nagaan Geessan
Happy New Year 2017

7 - 0

CIROO TUBE
Posted 1 month ago

August 30 X Empire

5 - 0

CIROO TUBE
Posted 1 month ago

#Holqa_Ayinaagee
Holqi Ayinaagee Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuu Araddaa Odaa Lallabaa keessatti kan argamu yommuu ta'u magaalaa gudditti Finfinnee irraa fageenya KM 438, Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Ciroorraa immoo KM 112'fi Magaalaa Machaaraa Micataarraa KM 10 gara bahaatti fagaatee argama.

Holqi kun bara 1989 qorattoota biyya Ingilizii "Cuving Club" jedhamuufi BATO niin gaggeeffameen kan argame yommuu ta'u dheerinni KM 5.3 kan caalu fi Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa 3ffaafi akka Oromiyaatti immoo sadarkaa 2ffaa ta'uun beekama.

Holqi kun Umurii dheeraa kan Lakkoofsise akka ta'e tuuta qorattoota holqa kanaan mirkanaa'uus ibsame jira. Holqi kun bal'ina lafa hektaara 92.8 irratti kan argamuudha.

Holqichi jalqaba seensa balbala shanitti(5) kan qoqqoodamuufi kutaalee bal'aadhaafi dheerina qaban ofkeessaa kan qabu akkasumas dheerinni kutaalee holqa kanaa meetira 14-16 yommu ta'u; nama 8-10 yeroo tokkootti keessummeessu akka danda'us ibsame.

Keessi holqicha kanaa boca garagaraa kan ogeessaan bocame fakkaatuu fi kan nama hawwatan gosa garagaraa kanneen akka warqii (dahaabatti) ifanii bareedan lafa keessatti argaman mullisuu danda'u qabaachuu isaafi dabalataaniis, simbiroota halkanii gosoota garagaraa 4 kan ofkeessatti qabatanii jiraataan ta'uun isaa immoo caalaatti kan nama hawwatu isaa taasisaas jedhame.

Holqi kun haalli tessuma lafaa isaafi qilleensi isaa mijataa ta'uun isaa uummata jaalalaan beekamu Harargee Lixaa Daaroo Labuu keessatti argama jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Aanichaa Waajjira Aadaafi Turizimii Aanichaa waabeffachuun gabaaseera.

5 - 0

CIROO TUBE
Posted 1 month ago

Cheelsiin galchii 6 fi 2n Woolviis injifate

Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi har'a taphatameen Cheelsiin galchii 6 fi 2n Woolviis yoo injifatu Boornimaawuuz Niwuukaastil waliin galchii 1 qixa xumuraniiru

Maadukeen daqiiqaa 49', 58', fi 63' irratti galchii sadi Cheelsiif galchuun hatirikii (Sadeessoo)hojjeteera.

BBC Sport

4 - 0